Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee basaastoota hedduu baha Harargeetti bobbaasuu isaa maddeen gabaasan.

(Madda Oduu ABO,Arfaasaa 23,2008) Maddi Oduu ABO akka gabaasetti mootummaan Wayyaanee QBO fi sochii WBOtti rifachuu irraa, basaasa isaa  hedduu magaalotaa fi badiyalee Harargeetti bobbaasuun ummata goolaa jira.

Magaalota akka Harar, Dirre Dawaa, Haramaayaa, Galamso, Baddeessaa, Awwadaayii fi bakkoota birootti basaasota isaanii kana bobbaasuun hojii farrummaa hojjechaa jiran. Maqaa maallaqaa fi lafa isinii laatna jedhuunis ilmaan Oromoo faallaa qabsoo Oromoo akka dhaabbatan, sabboontota Oromoo akka saaxilanii fi hiisisaniif gowwoomsuuf abbalaa
jiran.

Nama miseensota ABO, WBO fi sabboontota Oromoo nutti hime qarshii 15,000, 15,000 fi baka mana irratti ijaarratan nannoo Adamaatii kenninaaf jechuun labsaa akka jiranis ibsameera.

Sab-boonton Oromoo nannoo mootummaan wayyaanee qabeenya keenyaa fi dachii keenyaa nu irraa fuudhee nuuf kennuun obboloota keenya Oromoof falman akka hiisisnuuf nu gaafachuun isaa tuffii ummata Oromoof qabu agarsiisa jechuun balaaleffataniiru. Lammii isaa dabarsee diinaaf kan kennu  goobanaa malee hin jiru  kan jedhan abboontotni kunniin, farreen kana hojjetan yo jiraatan hatamaan gocha fokkataa isaanii irraa akka dhaabbatan jechuun akeekachiisanii jiru.

*******


Mallas Zeenaawwii fi Af-Yaa'ii Mana Maree Wayyaanee Tashoomaa Toogaa gidduu rakkoon jiru jabaataa dhufuun dhaga'ame.

Maddi oduu Indian Ocean Newslatter dheengadda akka gabaasetti, wal dhabbiin duraan haadha manaa Mallas Zeenaawwii Azeeb Masfinii fi Af-Yaa'ii Mana Maree wayyaanee Tashoomaa Toogaa gidduu ture amma Mallas Zeenaawwii fi Tashoomaa Toogaa gidduutti darbee jabaachaa jira.

Mallasaa fi Tashoomaa gidduutti rakkoon kun kan dhalate wayta Tashoomaan hojiif ala dhaqee turetti Mallasaan maallaqa guddaa qisaaste jedhee waan itti dheekkameef jedhameera. Maallaqni kennameef xiqqaa ta'uu irraa, kanuma isaa baasee itti dabaluus Tashoomaan Mallasaaf ibsee kadhatu illee, walii galuu akka hin danda'in Indian
Ocean ibseera.

Akka keessa beektotni jedhanitti garuu rakkoon Mallasaa fi Tashoomaa Toogaa maallaqni akka malee ta'uu irraa osoo hin taane, waldhabbii duraan Azeeb Masfinii fi Tashoomaa Toogaa gidduu turetu gara Mallasitti darbe jedhu.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net